Waa’ee Forex Trading Hangam Beektu? (What Is Forex Trading? For Beginners)
Home » Forex Trading Blog For Beginners  »  Waa’ee Forex Trading Hangam Beektu? (What Is Forex Trading? For Beginners)

Yeroo ammaa kana namoonni baay’een “ Forex Trading ” jedhu ni dhaga’u, garuu hojii isaatii mitii hiika isaatu hin beekan. Namoonni tokko tokko forex trading jechuun maallaqa irraa maallaqa dalagu jedhu, namoonni tokko tokko immoo forex trading waan balaa qaba jedhu. Garuu Forex dhugumaan maal akka ta’e, akkamitti hojjetu, akkasumaas namoonni haarawa forex trading jalqabuu barbaadan maal beekuu qaban? Barreeffama kana keessatti gaaffiiwwan armaan olii kanneenii fi maalummaa forex trading ni hubbattu.

Forex Trading Maali?

Forex Trading (Foreign Exchange Trading) jechuun: maallaqa biyya tokkoo bituu fi yeroo walfakkaatutti maallaqa biraa gurguruudha. Forex keessatti maallaqni lama walitti makamee daldalama. Kanaaf “Currency Pair” jedhama.

Fakkeenyaaf:

  • EUR/USD (Euro vs US Dollar)
  • GBP/USD (British Pound vs US Dollar)
  • USD/JPY (US Dollar vs Japanese Yen)

Kana jechuunis ati yeroo Forex trading hojjattu:
➡️ Maallaqa tokko ni bitta
➡️ Maallaqa biraa immoo ni gurgurta
➡️ Jijjiirama gatii irraa immoo bu’aa argatta.

Maaliif Magaalaan Forex (Forex Market) Jiraachuun Barbaachise?

Forex market namoota trading yookiin daldalan qofaaf hin uumamne. Kaayyoo guddaan uumama forex trading:

  • Dhaabbileen akka addunyaatti daldala isaanii adeemsisan maallaqa akka wal jijjiiraniif
  • Baankonni mootummaa hojii isaanii sharafa idil addunyaatti gaggeessuuf
  • Invastaroonni balaa irraa akka of eeganiif
  • Biyyoonni akka waliin daldaluu danda'aniifi

Akka qorannoo Bank for International Settlements ibsutti, Forex market’n:
👉 Gabaa maallaqaa addunyaa keessaa isa guddaadha.
👉 Guyyaa tokko keessattiis doolarri tiriliyyoonni (trillion dollar) ol ni socho’a.

Kana jechuun immoo market’n kun baay’ee guddaa fi sochii cimaa qaba jechuudha.

Forex Trading Akkamitti Hojjetama? (Fakkeenya Salphaa Wajjiin)

Mee akkana haa jedhu: Gatiin shara Euro tokkoo Dollar caalaa haa jennu.

Kanaaf, EUR/USD bitatta.

Yeroo ati bitte gatiin → 1.1000
Booda immoo gatiin isaa → 1.1200 ol ka'e.

Gatiin kun dabaluun immoo: Bu’aa siif fida.

Garuu yeroo kanatti yoo gadi bu’e: kasaaraa si mudata.

Walumaagalatti Daldala Forex keessatti; Jijjiirama gatii irratti daldaluudha.

Jechoota Bu’uuraa Namoonni Haarawa Jalqabuu Barbaadan Beekuu Qaban

1. Currency Pair

Maallaqa lama wal bira qabee daldalamu.

2. Pip

Jijjiirama gatii xiqqaa. Profit fi loss ittiin shallagama.

3. Spread

Garaagarummaa gatii bituu fi gurguruu jidduu jiru.

4. Leverage

Maallaqa xiqqaan daldala guddaa to’achuu dandeessa.

Fakkeenya:
$100 qabaatte → $10,000 to’achuu dandeessa.

Garuu:
⚠️ Leverage bu’aa guddisuu danda’a
⚠️ Akkasumas kasaaraa guddisuu danda’a.

5. Lot Size

Hanga daldalaa kee.

  • Standard Lot = guddaa
  • Mini Lot = giddu galeessa
  • Micro Lot = beginner’f mijataa

Maaliif Namoonni Baay’een Daldala Forex Jaalatu?

Hubannoo Forex trading qabaannan akka salphaatti hojjatama waan fakkaatuufi, sababni isaatiis:

✔ Sa’aatii 24 ni hojjetti (Wiixata–Jimaata)
✔ Capital xiqqaan jalqabuun danda’ama
✔ Online irraa salphaatti seenuu dandeessa
✔ Gatii ol ka’u yookaan gadi bu’u irraa bu’aa argachuu dandeessa
✔ Market liquidity guddaa qaba

Teknoolojiin yeroo ammaa akka MetaQuotes tajaajila trading platform uumuun, namni kamiyyuu laptop yookaan bilbila harkaa (phone) irraa trading akka gochuu danda'an taasiseera.

Sochiin Gatii Forex Maal Irratti Hundaa'e Socho’a Yookiin Sochii Gabaa Beekuuf Maal Hordofuu Qabna?

Forex market wantoota dhugaa addunyaa keessatti raawwatamaniin socho’a.

1. Economic News

Interest rate, inflation, hojii dhabdummaa fi GDP.

2. Siyaasa Biyyoota

Biyyoonni tasgabbaa’an maallaqa cimaa qabu.

3. Supply & Demand

Namoonni maallaqa tokko yoo barbaadan gatiin isaa olka’a.

4. Oduu Addunyaa

Lola, rakkoo diinagdee, waliigaltee daldalaa.

Traders hedduun data kana ilaaluuf tools akka TradingView fayyadamu.

Gosoota Forex Trading

1. Day Trading

Guyyaa tokko keessatti seenuu fi bahuu.

2. Swing Trading

Guyyaa muraasa yookaan torban turuu.

3. Scalping

Daqiiqaa muraasa keessatti daldala baay’ee.

4. Position Trading

Yeroo dheeraa eeguun daldaluu.

Beginner’f swing yookaan position trading salphaa dha

Balaan Forex Keessa Jiru Maali? (Baay’ee Barbaachisaa)

Forex bu'aa qifaa miti; balaa cimaas qaba. Maddi balaa kanneeniitis:

⚠️ Leverage kasaaraa guddisuu danda’a
⚠️ Market hin tilmaamamu
⚠️ Emotional trading kasaaraa fida
⚠️ Barumsa malee seenuun balaadha
⚠️ Namoonni baay’een ariifachuun account isaanii dhabu.

Namni Haarawa Jalqabu Hoo Milkaa’uuf Maal Godhuu Qaba?

Namni haarawa jalqabe tokko milkaa’uuf:

✔ Jalqaba baratuu qaba
✔ Demo account irratti shaakaluu qaba.
✔ Risk xiqqeessuu qaba
✔ Plan qabaachuu qaba
✔ Obsaan hojjechaa deemu qaba
✔ Maallaqa ariifachiisu yookiin saffisaaniin guddadha yaadu hin qabu

Forex keessatti, dursa barachuudha, bu’aan boodarra dhufa.

Forex Trading'n Forex Investment Waliin Tokko Moo Wal Adda?

Forex trading'n Short-term speculation yommuu ta'u Investing immoo Long-term ownership dha.

Forex:

  • Ariifataadha
  • Hubannoo market barbaada

Investing:

  • Yeroo dheeraa
  • Tasgabbaa’aa

Akkamitti Forex Barachuu Jalqabna Yookiin Maal Irraa Jalqabuu Qabna?

1️⃣ Bu’uura market baradhu
2️⃣ Terms hubadhu
3️⃣ Charts dubbisuu shaakal
4️⃣ Demo account fayyadami
5️⃣ Risk management baradhu
6️⃣ Xiqqaan jalqabi
7️⃣ Muuxannoo walitti qabi

Xumura

Forex trading jechuun; maallaqa wal jijjiiruun bu’aa argachuuf yaaluu yommuu ta'u. Garuu sirritti fayyadamaa kan taatu yoo:

  • Beekumsa
  • To’annoo ofii
  • Obsa
  • Barumsa itti fufaa
    qabaatteedha.

Namni Forex akka carraa ariifataatti ilaalu ni kufa.
Namni akka ogummaa baratu ilaalu immoo yeroo dheeraa keessatti ni milkaa’a.

Waa'ee Platform Fayida shop

waa’ee Forex Trading (Foreign Exchange Trading) kana beektuu? Daldalli Forex Trading maali?

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *